Ayyaanni waggaa Maariyaamii Tsiyoon kabajamaa jira

Finfinnee, Sadaasa 21, 2016 (FBC) – Ayyaanni waggaa Maariyaamii Aksum Tsiyoon haala hoo’aa ta’een kabajamaa jiraachuu ibsame.

Pireezidaantii bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay Obbo Geetaachoo Raddaa dabalatee hoggantoonni olaanaan mootummaa naannichaa fi hordoftoonni amantaa Kiristiyaanaa hedduun bakka argamanitti kabajamaa jira.

Keessummoonni biyya keessaa fi alaa kabaja ayyaanichaarratti argamuu isaanii ibsameera.

Ayyaannichi haala hoo’aa ta’een kabajamuun isaa sosochii Turizimii naannichaa caalmaatti kan kakaasu ta’uu eerameera.

Hambaaleen naannawaa Aksumitti argaman daawwannaaf banaa ta’uun hirmaattoota ayyaanichaan daawwatamaa jiraachuus ibsameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment