Ayyaanni ‘Shawaal Iid’ magaalaa Finfinneetti kabajamaa jira

Finfinnee, Caamsaa 14, 2014 (FBC) – Ayyaanni ‘Shawaal Iid’ bakka hoggantoonni mootummaa naannoo Hararii, Federaalaa fi diyaaspoorawwan argamanitti magaalaa Finfinneetti kabajamaa jira.
Ayyaanichi haala duudhaa amantaa eegeen kabajamaa jiraachuu ibsameera.

Sirna kabaja ayyaanichaarratti Preezdaantii naannoo Hararii obbo Oordiin Badirii dabalatee hoggantoonni mootummaa naannichaa fi federaalaa argamuu ibsameera.

Diyaaspoorawwan waamicha guddaa gara biyyaa ‘Iid hanga Iid’ fudhachuun gara biyyaa dhufaniis sirnicharratti hirmaachaa jiru jedhame.

Habtaamuu Takkala sillaaseetu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment