Ayyaanni Qillee rakkoo nageenyaa tokkomalee akka qabajamuuf qophiin duraa xumuramuu ibsame

Finfinnee, Muddee 27, 2013 (FBC) – Ayyaanni Qillee rakkoo nageenyaa tokkomalee akka qabajamuuf qophiin duraa xumuramuun gara hojiitti galamuu Komishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee beeksise.
Ayyaanichi rakkoo nageenyaa tokkomalee karaa nagaan akka kabajamuuf qaamolee nageenyaa waliin haala waqtaawaa magaalichaa hubannoo keessa galchuun gara hojitti galamuu ibsameera.
Daayreektarri Kominiikeeshinii Komishinichaa Komaandar Faasikaa Faantaa wayita aayyaanichaa rakkoon nageenya akka hin muudanne jiraattoota, qaamolee bulchiinsaa, dhaabbilee amantaa, ijaarsaalee fi dargaggoota magaalichaa waliin mariin gaggeeffamuu himaniiru.
Iddoolee sosochiin ummataa itti heddummatu, gabaa fi iddoo bashannanaatti yakki akka hin raawwatamne xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Komaandar Faasikaan dubbataniiru.
Ayyaanichaan walqabatee balaa tiraafikaa qaqqabuu danda’u ittisuuf Komishinichi humna qabu hunda bobbaasuu ibsaniiru.
Ayyaanni Qillee karaa nagaan akka qabajamu hojii nageenyaa Komishinichi raawwatu hawaasni magaalichaa deeggarsa barbaachisu akka taasisu waamicha dhiyeessaniiru.
Wayita wantoonni nama shakkisiisan muul’atan buufata Poolisii dhiyeenyatti argamutti eeruu fi odeeffannoo laachuu akka qaban eeraniiru.
Dabalataan lakkoofsa bilbilaa 011-1-11-01-11 fi 991 irratti bilbiluun eeruu laachuun kan danda’amu ta’uu himu isaanii ragaan Komishinii Poolisii Magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamakeenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment