Ayyaanni Kataraa fi Cuuphaa wayita kabajamuu ofeeggannoo Covid- 19f taasifamuu hojiirra oolchuun kabajamuu qaba jedhame

Finfinnee, Amajjii 8, 2013 (FBC)- Ayyaanni Kataraa fi Cuuphaa wayita kabajamuu ofeeggannoo Covid- 19f taasifamuu hojiirra oolchuun kabajamuu qaba jedhame.
Hordoftoonni amantaa Ortoodoksii Tawahidoo Ityoophiyaa ayyaana Kataraa fi Cuuphaa wayita kabajan tarkaanfii ofeeggannoo Covid -19f taasifamuu hojirraa oolchuun kabajuu akka qaban Manni Amantaa Ortodoksii Tawahidoo Ityoophiyaa hubachiise.
Ayyaana Kataraa fi Cuuphaa hordoftoota amantichaa mara biratti Amajjii 10 fi 11 kan kabajamu yoo ta’u Jaan Meedaatti garuu hordoftoota amantichaa dabalatee turiistonni biyyoota adda adda irraa dhufan, dippiiloomatoota fi keessummoonni argamuun bifa hawwataan kabajamaa jedhamera.
Cuuphaan Iyyesuus Kiristoos imala Galiilaadhaa gara laga Yoordanoos deemuun tajaajila isaa Qulqulluu Yohannisiin guyyaa itti cuuphaame yaadachuun hordoftoota amantii Ortoodoksii Tawaahidoo biratti ayyaana waggaa waggaan kabajamudha.
Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee erga COVID -19 Ityoophiyaa galee booda walitti dhiheenya hawaasaa hir’isuuf iddoo gurgurtaa kuduraafi muduraa Piyaassa ture gara Hurufa Boombii( Jaan Meedaatti) jijjiruun isaa ni yaadatama.
Haa ta’uu malee bakkichi kabaja ayyaana Cuuphaaf sababa barbaadameef daldaltoonni Hurufa Boombii ( Jaan meedaatti ) hojii daldala hojjechaa turan gara kutaa bulchiinsa Magaalaa Laaftoo naannoo Haaylee Gaarmanti giddugala gabaa ijaarametti akka dabarfaman taasifameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment