Ayyaanni jijjiirraa bara haaraa Saba Geede’oo ‘Daraaroo’n Yuuniskootti hambaa kiliyaa ta’ee akka galmaa’uu qorannoon xumuramuu ibsame

Finfinnee, Amajjii 8, 2014 (FBC) – Ayyaanni jijjiirraa bara haaraa Saba Geede’oo Daraaroon hambaa kiliyaa ta’ee Dhaabbata Barnoota, Saayinsii fi Aadaa Addunyaatti akka galmaa’uu qorannoon xumuramuu Biiroon Aadaa fi Turizimii Naannoo Kibbaa beeksise.

Hogganaan biirichaa obbo Hayilamaariyaam Tasfaayeen yaa’ii UNESCO bara 2022 Raashiyaatti gaggeeffamu irratti dhiyaatee ni ragaasifamaan eegama jedhan.

Kanaaf jecha qorattootni UNESCO Geede’ootti argamuun qorannoo qorachuunii fi haala jireenya ummataa hubachuun ragaalee barbaachisan fudhachuun akka deebi’ani kan ibsan.

Daraaroon akka hambaa Kiliyaa Addunyaatti yoo galmaa’e aadaa fi duudhaan eegumsa naannoo ummata Geede’oo bal’inaan beekamtii akka argatu abdii akka qabani kan dubbatan.

Hawaasni Geede’oo guyyaa har’aa Aanaa Buleetti sirna bulchiinsa Aadaasaa iddoo itti hundeeffate Soongoo Odaa Yaa’aatti ayyaana daraaroo kabajee ooleera.

Ummatni Geede’oo Abbaan gadaa waa’ee isaanii ciminaan Waaqa waan kadhataniif Gumaata yookaan kennaa laataniifii jiru.

Hawaasni guyyaa Ayyaana Daraaroo oomisha oomisherraa Abbaa Gadaatiif kennaa dhiyeessuun eebba ni fudhatu.

Sirni kun guyyaa har’aa godinicha Aanaa Bulee Ganda Agamsaa iddoo addaa Kubeem jedhamu Soongo Odaa Yaa’aatti gaggeeffamee jira.

Ayyaanicha irratti Abbootiin Gadaa fi hayyootni gadaa (jaarsotni) faaruu Geede’oo Foogoon faarfachuun Sirna Gadaa Aadaan isaanii hamma ammaa ittiin ture leellifachaa bara moofaa irraa gara bara haaraatti ce’uusaanii kan ittiin missiraachoo ibsatan Hulluuqqaa Leemmanii fi Zambaabaa irraa hojjatame jala hulluuqanii jiru.

Sirni kabajaa kun Aanaalee Godinichaa 8 keessatti Soongoowwan 525 ta’an keessaa Aanaaleetti Soongoo hangafa ta’e irratti Daraaroo kabajaa Amajjii 28//2014 Diillaa irratti xumura kan argatu ta’a jedhame.

Bara kana qorannoon xumuramee UNESCO’f dhiyaachuun Ummata Geede’oof gammachuu dachaa ta’uu ibsameera.

Biqilaa Tufaa fi Getaachoo Mul’ataatiin

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment