Finfinnee, Fulbaana 14, 2015(FBC)- Ayyaanni jijjiirraa bara haaraa Gaamoo “ Yoo Masqalaan” magaalaa Arbaa Mincitti sagantaalee garaagaraan kabajamaa jira.
Ayyaanicharratti Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti Ministira Waamamaa Olaanaa Mootummaa obbo Tasfaayee Baljigee dabalatee hoggantoonni mootummaa federaalaafi naannoolee olaanoon biroon akkasumas kutaaleen hawaasaa garaagaraa argamuu ibsameera.
Dabalataanis jaarsoliin biyyaa, abbootiin amantaa, abbootiin gadaa, haadholiin siinqee, artistoonniifi keessummoonni kabajaa kutaalee biyyattii garaagaraarraa dhufan ayyaanicharratti hirmaachuu TOI gabaaseera.
Waraqaalee qorannoo ayyaanicharratti qophaa’an irratti mariin paanaalii kan gaggeeffamu ta’uus eerameera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.