Ayyaanni Irreechaa milkii guddaan xumurame- Obbo Shimallis Abdiisaan

Finfinnee, Fulbaana 22, 2015(FBC)- Ayyaanni Irreechaa milkii guddaan xumuramuu Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan ibsan.

Ayyaanni Irreechaa bara 2015 karaa nagaa ta’een kabajamee xumuramuu Obbo Shimallis Abdiisaan ibsa miidiyaaleef laataniin ibsaniiru.

Diinonni keessaafi alaa maallaqaafi humna namaa ramaduun nageenya ayyaanichaafi maqaa gaarii biyyattii booressuuf hojjechaa turaniyyuu ayyaanichi milkiin xumuramuu ibsaniiru.

Ayyaanichi milkiin akka xumuramuuf jiraattonni magaalaa Finfinneefi Bishooftuu gahee olaanaa bahachuu kaasuun, galateeffataniiru.

Gama biraan qaamolee nageenyaa milkaa’ina ayyaanichaaf qooda isaanii bahatan maqaa isaaniifi maqaa mootummaa naannichaan galateeffataniiru.

Ayyaanichi nageenyaan kabajamee xumuramuun isaa caasaan qaamolee nageenyaa keenya sadarkaa hagamiirra akka gahe mul’isa jedhaniiru.

Irreechi Oromiyaa guutuutti kan kabajamu ta’uu eeruun, ayyaaanichi bakka hundatti karaa nagaan akka kabajamuuf gaheen uummataa olaanaa ibsaniiru.

Mootummaan aadaafi seenaan uummataa akka calaqisuuf hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.

Ayyaanni Irreechaa ayyaana Oromoo qofa osoo hin taane kan sabaafi  sablammoota biyyatti darbees kan addunyaa taa’aa jiraachuu eeraniiru.

Irreechi waggoottan arfan darbanii asitti haalaan guddachuu dhufuu ibsaniiru.

Qaamoleen ayyaanichaan daldaluu barbaadan kaayyoon isaanii hin milkaa’iin hafuu ibsaniiru. Kun ammoo ta’uu kan danda’e qaamoleen nageenyaa qindoominaafi wareegama guddaa kaffaluun hojii isaanii waan hojjetaniif ta’uu eeraniiru.

Uummanni aadaa,duudhaafi seenaa isaaf jabaatee hojjechuu akka qabu dhaamaniiru.

Kallattiin uummattoota Ityoophiyaa fayyadu tokkummaa ta’uu ibsuun, tokko yoo taane kana caalaa cimnee hojjechuu dandeenya jedhan.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment