Ayyaanni Irreechaa Hora Harsadee duudhaasaa eeggatee xumurameera-A/G Goobana Hoolaa

Finfinnee, Fulbaana 26, 2017 (FBC)- Ayyaanni Irreecha Hora Harsadee Magaalaa Bishooftuutti karaa duudhaasaa eeggatee fi haala hoo’aa ta’een kabajamee xumuramuu Abbaan Gadaa Tuulaamaa Goobana Hoolaa ibsan.

Abbaa Gadaa Goobana Hoolaa ibsa kennaniin Irreechi mallattoo jaalalaa, dhiifamaa, araaraa fi obbolummaa ta’e haala hoo’aa ta’een kabajamee xumuramuu himan.

Ayyaanichi milkaa’inaan akka xumuramuf Abbootii Gadaa, Haadholii Siinqee, qeerroowwan akkasumas jiraattonni magaalattii fi qaamolee nageenyaa gumaacha taasisaan galateeffataniiru.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuu Alamaayyoo Asaffaan gama isaaniin dhaabbileen tajaajilaa keessummootaaf tajaajila gahaa kennuun miidhaginaa ayyaanichaaf gumaacha taasisuu eeraniiru.

Miidiyaalee dabalatee ayyaanichi milkaa’inaan kabajamee akka xumuramuuf qaamolee gumaacha taasisan galateeffataniiru.

Malaakuu Gaddiftu gabaase.

Comments (0)
Add Comment