Ayyaanni Irreechaa ayyaana Ummanni Oromoo baraa baratti ce’uu, dukkanaa ifatti nagaan ba’uu isaa uumaa itti galateeffatuudha – Obbo Xilahuun Kabbadaa

Finfinnee, Fulbaana 25, 2016 (FBC) – Pireezidaantiin Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Obbo Xilahuun Kabbadaan Ayyaana Irreechaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Ayyaanni Irreechaa ayyaana Ummanni Oromoo baraa baratti ce’uu, dukkanaa ifatti nagaan ba’uu isaa uumaa itti galateeffatuudha jedhan.

Ayyaana jibbaa jaalalatti ce’an ayyaana tokkummaa fi obbolummaa ta’uu ergaa isaaniin ibsaniiru.

Ayyaanni Irreechaa duudhaa fi safuu isaa eegee dhalootaa dhalootatti akka darbu abbootiin gadaa, Haadholiin Siinqee fi ummata bal’aaf kabajaa fi galatatu malaag jedhan.

Ayyaanni Irreechaa kan nageenyaa, Jaalalaa, tokkummaa fi obbolummaa akka ta’u hawwaniiru.

#Oromia # Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment