Ayyaanni injifannoo Adwaa waggaa 124ffaan sirnoota addaddaatin kabajame

Finfinnee, Gurraandhala 23, 2012 (FBC) – Ayyaanni injifannoo Adwaa waggaa 124ffaan sirnoota addaddaatin kabajame.
 
Ayyaanichi magaalaa Finfinnee fi magaalaa Adwaatti qophiilee addaddaatin kabajameera.
 
Kabaja ayyaanichaatif har’a ganama sa’aa 12tti Inxooxxodhaa madfiin dhukaafameera.
 
Ayyaanni injifannoo Adwaa waggaa 124ffaan Ityoophiyaanonni gamtooman weerartuu Xaaliyaan itti injifatan bakka hoggansi federaalaa fi naannoo argamanitti kabajama.
 
Dura taa’aan Waldaa Gootota Ityoophiyaa Durii Lij Daani’eel Jooteen ergaa dabarsaniin, injifannoon Adwaa mallattoo injifannoo wareegama Afrikaanotaa maraati jedhan.
 
Haala amma Ityoophiyaan keessa jirtu caalmaan gara gaariitti jijjiiruu fi ceesisuuf, of eeggannaan walii fi biyyaaf yaaduun socho’uu qabna jedhaniiru.
 
Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahiman, mootummaan naannoo Oromiyaa fi Amaaraa, bulchiinsi magaalaa Finfinnee baga ayyaana injifannoo Adwaa waggaa 124ffaan isin ga’e jedhaniiru.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment