Ayyaanni injifannoo Aduwaa 126ffaan qophiilee garaagaraatin akka kabajamu ibsame

Finfinnee, Gurraandhala 12, 2014 (FBC)- Ayyaanni injifannoo Aduwaa 126ffaan qophiilee garaagaraatin akka kabajamu Ministirri Ministeeraa Aadaa fi Ispoortii obbo Qajeelaa Mardaasaan ibsaniiru.

Ayyaanichi mata duree ‘Aduwaan Ityoophiyaanootaaf gamtaa ifaa bilisummaa Afrikaati’ jedhuun akka kabajamuu obbo Qajeelaan ibsaniiru.

Ministirichi ibsa gaazixeessiitootaaf laataniin, waraanaa Aduwaatiin waraanni adii Xaaliyaan haleelamuun gara dhufeetti deebi’uun, injifannichi Afrikaanootaaf injifannoo olaanaadha jedhaniiru.

Ayyaanichi Gurraandhala 15 hanga 23, 2014tti qophiilee aartiin, marii paanaalii, imbaasiwwan Ityoophiyaa hundi fi misiyoonoonni qophiilee garagaraatin ni kabajamaa jedhaniiru.

Naannolee fi bulchiinsoota hundatti sadarkaa garagaraatin ni kabajamaa jedhaniiru.

Ayyaanichi bifaa ho’aa ta’ee akka kabajamuuf qaamolee dhimmi ilaallatuu waliin kan kabajamuu ta’u ragaan Ministeera aadaa fi Ispoortiirra argame ni muuldhisa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

Comments (0)
Add Comment