Finfinnee, Eebila 24, 2014 (FBC) – Ayyaanni Iid Alfaxiir waggaa 1443ffaa magaalaa Roobee, Shaashamannee fi Cirootti haala duudhaa amantii Islaamaa eegeen sagantaalee garaagaraan kabajamaa jira.
Duudhaa ji’a Ramadaanatiin jaalala, tokkummaa fi obbolummaa argame itti fufsiisaa nageenya keenyas eeggachuu qabna jedhan jiraattonni magaala Shaashamanne.
Ayyaannichi magaala Shaashamannee dabalatee, Aanaalee naannawa magaalarraa Istaadiyeemii guddicha Shaashamannetti haala hoo’aa ta’een kabajamaa jira.
Ayyaanni Iid Alfaxiir waggaa 1443ffaan Godina Harargee Lixaa Bulchiinsa Magaalaa Ciroottis bakka hordoftoonni Amantichaa argamanitti kabajamaa jira.
Akkasumas Ayyaanni Iid Alfaxiir waggaan 1443ffaan Magaalaa Roobee Istaadiyeemii Madda Walaabuutti bakka hordoftoonni amantichaa, hoggantoonni mootummaa fi abbootiin amantaa argamanitti haala hoo’aa ta’een kabajamaa jiraachuu OBN gabaasera.
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.