Ayyaanni Iid Al Adahaan magaalaa Asallaatti kabajame

Finfinnee, Waxabajjii 21, 2015 (FBC) –Ayyaanni Iid Al Adahaa waggaa 1444ffaan magaalaa Asallaatti Sagantaalee garaagaraan kabajameera.

Sirnichi bakka abbootiin amantaa, hoggantoonnii fi hordoftoonni amantichaa argamanitti sirntoota amantaa garaagaraan kabajameera.

Walitti Qaban Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Bulchiinsa magaalaa Asallaa Shek Abdulkariim Muhaammad sirnicharratti haasawa taasisaniin, ayanicha wayita kabajnu Harka qalleeyyii deeggaruu kabajuu qabna jedhan.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Asallaa Obboo Gazaalii Hashuunis Islaamummaan mallattoo Nagaati waan ta’eef Hawaasni Musliimaa nagaa biyyaaf Naannoo isaa eeguu Akka qabu dhaamaniiru .

Abdallaa Amaanii fi Oliyaad Badhaaneetu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment