Ayyaanni Iid Al Adahaa Arafaan waayita kabajamu namoota rakkatan gargaaruun ta’uu qaba – Mana marichaa

Finfinnee, Waxabajjii 8, 2016 (FBC) – Hawaasni Musiliimaa Ayyaana Iid Al Adahaa Arafaa waayita kabajan akkaataa barsiifata amantichaan kan qaban waliif qooduun kabajuu akka qaban Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa waamicha dhiyeesse.
Manni marichaa Ayyaana Iid Al Adahaa Arafaa waggaa 1445ffaa guyyaa boruu kabajamu ilaalchisee ergaa dabarseera.
Hawaasni Musiliimaa waayita Ayyaana kana kabaju akkaataa barsiifata amantichaan namoota sababoota garaagaraan qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’anii fi harka qalleeyyii waan qabaniin akka gargaaraan Pireezidaantiin mana marichaa Hajii Ibraahiim Tufaan ergaa dabarsaniin eeraniiru.
Hordoftoota amantaa biroo waliinis tokkummaa fi obbolummaa haala cimsuun akka kabajan waamicha dhiyeessaniiru.
Hawaasni Musiliimaa marii biyyaaleessaa gaggeeffamaa jiru keessatti hirmaannaa hoo’aa akka taasiisaniis gaafataniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment