Ayyaanni Iid-Al Adahaa 1445ffaan duudhaa amantichaa haala eeggateen miidhaginaan xumurameera-Humna Waloo

Finfinnee, Waxabajjii 9, 2016 (FBC)-Ayyaanni Iid-Al Adahaa (Arafaa) 1445ffaan haal duudhaa amantichaan eeggateen fi miidhaginaan kabajamee xumuramuu Humni Waloo Tikaa fi Nageenya Biyyaalessaa beeksiseera.

Ayyaanichi sirna amantaa isaa eeggateen akka xumuramuuf qaamolee gahee isaanii bahatan hundaa galateeffateera.

Ayyaanicharratti hordoftoonni amantichaa bal’inaan hirmaachuun, sirna ayyaanicha gituun duudhaa amantichaa hordofe xumuramuu humnichi waloo beeksiseera.

Nageenya ayyaanichaaf qophii dursee taasifameen raawwiirratti qaamoleen nageenyaa fi hordoftoonni amantichaa nageenya ayyaanichaaf tumsa taasisan akkasumas jiraattota Magaalaa Finfinnee galateeffachuun, ayyaanichi kan jaalalaa, nagaa, fayyaa akka ta’u humnichi waloo hawwii gaarii qabu ibseera.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment