Finfinnee, Eebila 9, 2014 (FBC) –Ayyaanni ‘Hoosaa’iinaa Aariyaam’ hordoftoota Amantaa Kiristiyaanaa Ortodoksi Tawaahiidoo biratti haala hoo’aa ta’een kabajameera.
Ayyaanni Hoosaa’iinaa Ayyaanaa Hiikaa dura kutaa Soomaa guddaa marsaa xumuraa yoo ta’uu sirnoota kadhannaa garaagaraan kan kabajamu ta’uu ibsameera.
Hoosaa’iinaan Ayyaana Iyyasuus Kiristoos Dugda Harreerra taa’ee gara Iyyaruusaalem galuu ta’uu ibsameera.
Akka moggaasa Qulqulluu Yaareditti Sanbatni sooma guddichaa inni xumuraa kun Hosaa’inaa jedhama.
Hoosaa’inaa jechuun fayyisaa, qoricha jechuu dha. Gooftaan gara Iyyaruusaalemitti yoo galus faarfannaan “Hoosaa’inaa Ilma Daawit maqaa Waaqayyoon kan dhufu kan eebbifamedha jedhu, Hoosaa’inaa Ilma Daawitiif, Hoosaa’inaa Aariyaamitti jechuun faarfataa turan.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.