Ayyaanni Fichee Cambalaalaa rakkoo tokko malee akka kabajamuuf qophii gahaan taasifamuu ibsame

Finfinnee, Eebla 10 ,2015 9FBC)- Ayyaanni Fichee Cambalaalaa rakkoo tokko malee akka kabajamuuf qophii gahaan taasifamuu Komishiniin Poolisii naannoo Sidaamaa ibse.

Komishinarri Komishinii Poolisii naannichaa Shimallis Toomaas, Ayyaanni jijjiirraa baraa Sidaamaa Fichee Cambalaalaan karaa nagaa akka kabajamuuf qaamoleen nageenyaafi dhimmatootaa karoora waloo qopheessuun hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Ayyaanichi magaalaa Hawaasaa dabalatee aanaaleefi magaalota naannichaa keessatti waan kabajamuuf qophiin taasifames kan hubannoo keessa galchuu ibsuusaanii TOI gabaaseera.

Ayyaanicharratti hirmaachuuf lammiileen naannolee biro ni hirmaatuun kan eegamu ta’uufi karaa nagaan akka kabajamuuf hawaasa waliin qindoominaan hojjetamaa jira jedhaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment