Ayyaanni Fichee Cambalaalaa ijaarsa Seenessa Waloo keessatti gahee olaanaa qaba- Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa

Ayyaanni Fichee Cambalaalaa ijaarsa Seenessa Waloo keessatti gahee olaanaa qaba- Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa

Finfinnee, Bitootessa 18, 2017 ( FMC) – Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa Ayyaana jijjiirraa baraa Uummata Sidaamaa Fichee Caambalaalaa sababeeffachuun ergaa baga geessannii dabarseera.

Ayyaanichi Bitootessa 18 Galma Aadaa Sidaamaa, Bitootessa 19,2017 ammoo Sooreesaa Dudaamaaleetti agarsiisa garaagaraan akka kabajamu tajaajilichi ibseera.

Ayyaanni Fiichee Cambalaalaa uummata Sidaamaa biratti ayyaana jijjiirraan bara haaraa ittiin labsamu ayyaana guddaa ta’uu eeruun, uummaticha biratti bakka guddaa kan qabuufi dhalootaa dhalootatti darbaa dhufuu yaadachiiseera.

Fichee Cambalaalaa keessatti duudhaaleen waliin jireenyaa, nageenyaa, jaalalaafi walgargaarsaa kan calaqisiifaman, haaloon dhabamsiifamee araarri kan itti bu’u ta’uu ibseera.

Ayyaanni Fichee Cambalaalaa fakkeenya nagaa, araaraafi dhiifamaa ta’uus kaaseera.

Uummanni Sidaamaa uummata dhaha mataa isaa qabu ta’uu eeruun, guyyoottan, torbanootaafi baatiiwwan dhaha isa kana fayyadamuun kan lakkaa’atu ta’uu ibseera.

Ayyaanichi beekumsa abbootii durii kan agarsiisu akkasumas ogummaa uummatichaa kan mul’isu ta’uu eereera.

Ayyaanichi eenyummaafi aadaa Uummata Sidaamaa beeksisuurra darbee misoomaafi guddina tuurizimii naannichaaf gahee olaanaa kan qabu ta’uu ibseera.

Dabalataanis ayyaanichi duudhaalee araaraa, nageenyaa, waliin jireenyaafi obbolummaa guddisuurra darbee ijaarsa biyyaafi seenessa waloo keessatti shoora olaanaa akka qabu eereera.

Duudhaalee seenaafi aadaa isaa eegee dhaloota egereetti akka darbuuf hundi gaheesaa bahuu akka qabu tajaajilichi ibseera.

Comments (0)
Add Comment