Ayyaanni Fannoo mana Amantichaatti kabajame

Finfinnee, Ebla 24, 2016 (FBC) – Mana Amantaa Kaatolikii Itiyoophiyaatti ayyaanni Fannoo Iyyasuus Kiristoos kabajameera.

Phaaphasiin Mana Amantaa Kaatolikii Itiyoophiyaa Kaardinaal Birhaaneyesus Suraafeelii fi hordoftoonni Amantichaa hedduun bakka argamanni ayyaanni Fannoo Iyyasuus Kiristoos sagantaalee garaagaraan kabajameera.

Guyyaan Iyyasuus Kiristoota dhala namaa fayyisuuf jecha fannoorratti wareegame kaffale Mana Amantaa Kaatolikii Itiyoophiyaa Kaatediraalii Maariyaamii Lidataa Piyyaasatti sirna kadhannaa, Sagadaa fi soomaan kabajameera.

Guyyaan kun guyyaa Iyyasuus Kiristoos of caalaa dhala namaaf gatii kaffaluun jaalalaa fi gaarummaa itti mul’ise ta’uu Phaaphasiin Mana Amantaa Kaatolikii Itiyoophiyaa Kaardinaal Birhaaneyesus Suraafeel ibsuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment