Guyyaan yaadannoo Fannoo hordoftoota amantaa kiristaanaan kabajame

Finfinnee, Eebila 14, 2014 (FBC) – Guyyaan yaadannoo Fannoo Iyyasuus Kiristoos hordoftoota amantaa kiristaanaa hundaan kabajamee ooleera.

Hordoftoonni amantichaa ayyaanicha sagadaa fi kadhannaan kabajaniiru.

Ayyaanichi mana amantaa Ortodoksii Tawaahidoo fi Kaatoolikiitti soomaa fi sagadaan kan kabajamu yoo ta’u, Manneen amantaa kiristaanaa biroottis sagantaalee garaagaraan kabajameera.

Manneen amantaalee kanneen keessatti Iyyesuus Kiristoos dhala namaa fayyisuuf jecha gidiraa inni ofitti fudhate yaadachuuf barnoonni hafuuraa garaagaraa  dhiyaataniiru.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment