Ayyaanni Faasikaa Hordoftoota amantaa Kiristaanaan guutummaa addunyaatti kabajameera

Finfinnee, Eebila 11, 2012 (FBC)- Ayyaanni Faasikaa Hordoftoota amantaa Kiristaanaan guutummaa addunyaatti kabajameera.

Biyyoonni Awuroppaa, Baha Giddu galeessaa fi Afriikaa tajaajiloota mana amantaatti kennamu sodaa COVID-19 irraa kan ka’e manasaaniitti akka taasisan himaniiru.

Joorjiyaa keessatti garuu hordoftoonni amantichaa tajaajila Bataskaanaarratti argamuu danda’aniiru.

Raashiyaatti Namoonni akka gara Bataskaanaa hin deemne dhoorkamaniiru. Hordoftoonni amanticha tajaajilarratti hirmaachuuf baay’ee galgala ture kan garas deemani.

Bara kana tajaajilli bakka qeesonni argaman qofatti taasifamaa jira.

Yukireen magaalaa gudditti Kiyeev keessatti poolisoonni namoonni baay’inaan akka walitti hin qabamneef dhiheenya bataskaanaatti bobbaafamaniiru.

Giriik biyyattii keessatti qondaaltonni haala jiru hubachuuf dirooniitti fayyadamaa jiru.

Masriitti Phaaphaasiin Igiit Tawaadiroos II tajaajila guyyaa Jimaataa kaaba-baha Kaayirootti bakka namoonni baay’een hin jireetti taasisaniiru.

Roomaaniyaa asittis namoonni tajaajiloota amantaa argachuuf manaa akka hin baanee dhorkamaniiru.

Buulgaariyaan magaalaa guddittii Soofiyaa keessatti sochii namoota sa’aatiidhaan daangessitee jirti.

Bataskaanoonni Sarbiyaa fi Moonteenegiroo hordoftoonni ayyaanicha manasaaniitti akka kabajaniif dhaamaniiru.

Bataskaanni Kaaba Masidooniyaa namoonni gara bataskaanaa akka hin dhufnee humnaan hin dhoorku jetteetti.

Maddi: BBC

Comments (0)
Add Comment