Ayyaanni Du’aa Ka’uu Iyesuus Kristoos hordoftoota amantaa kiristaanaan guutummaa Ityoophiyaatti kabajame

Finfinnee, Eebila 11, 2012 (FBC)- Ayyaanni Du’aa Ka’uu Iyesuus Kristoos hordoftoota amantaa kiristaanaan guutummaa Ityoophiyaatti kabajame.
 
 
Ayyaanni Du’aa Ka’uu Iyesuus Kristoos guyyaa har’aa guutummaa Ityoophiyaatti hordooftoota amantaa kiristaanaan halkaan keessa sa’aa 9 eegalee sirnoota garagaraan kabajameera.
 
 
Hordooftoonni amantichaa guyyaa har’aa ayyaanicha sababa vaayrasi koroonaan sirnoota addaddaan sadarkaa maatitti kabajeera.
 
 
Vaayrasiin koroonaa erga gara Ityoophiyaatti galee as miidhaa cimaa akka hin qaqqabsiifneef gaggeessitoonni amantaa rakkinichi hangs furamutti amantoonni waaqeffannaa isaanii kana isaanitti akka dabarsan waamicha dhiyeessaniruu.
 
Paatriyaarkiin Ortodooksii Ityoophiyaa Abuna Maatiyaas hordoftootan baga ayyaana sooma hiikaa geessan jedhanii, weerara vaayrasii koroonaarraa of eeggannaan taasifamu ammas cimee akka itti fufu imaanaa jedhaniiru.
 
Siinodoosiin mana amantittii hordoftoonni amantichaa mana ofiitii kadhannaa fi galateeffannaa Waaqaa akka taasisan akkuma murteesse, amma yeroon weerara vaayrasii koroonaa darbutti qajeelfamnii fi kallattiin kaa’ame akka hojiirra oolu dhaamaniiru.
 
Phaaphaasiin Kaatoliikii Ityoophiyaa Kaardinaal Birhaanayasuus Suraafeel ammoo araaraa fi fayyina fannoo Iyyasuus Kiristoosin arganneen rakkoo fi gadadoo kamuu mo’achuu akka dandeenyu hubachuu qabna jedhaniiru.
 
Wayita ayyaana kabajnus harka qalleeyyii gargaaruu fi of eeggannoo cimsuun ta’uu qaba jedhaniiru.
 
Preezdaantiin Gamtaa Waldaalee Warra Wangeelaa Ityoophiyaa Paastar Tsaadiquu Abdoon of eeggannoo taasisaa, kallattii fi qajeelfama mootummaa, abbootiin amantaa fi ogeeyyiin fayyaa laatan hojiirra oolchudhaan, dhibicha mo’achuuf garaarraa araara Waaqayyoo gaafachuun murteessadha jedhaniiru.
 
Preezdaantiin Waldaa Warra Wangeelaa Makaana Yasuusii Luba Yoonaas Yiggazuun ammoo ayyaana yoo kabajnu yaadaa qalbiidhan waliin ta’aa, qaaman walirraa fagaachun barbaachisaa ta’uu yaadachiisaniiru.
Comments (0)
Add Comment