Ayyaanni dhaloota Iyyasuus Kiristoos (Qillee) kabajame

Finfinnee, Muddee 28, 2012 (FBC) – Ayyaanni dhaloota Iyyasuus Kiristoos (Qillee) guyyaa har’aa hordooftoota amantaa Kiristaanaan haala ho’aan kabajamaa oolera.

Ayyaanichi sirnoota amantaa fi aadaan kabajamaa oolera.

Ayyaanicha ilaalchisuun gaggeesitoonni amantaa erga baga geessanii dabarsaniiru.

Ayyaanni Qiillee yeroo kabajamu namoota harka qalleeyyii yaadachuu fi gargaaruun ta’uu akka qabus dhaamaniiru.

Bu’uurri waa hundaa nageenya waan ta’eef gochoota nageenya booressan irraa of too’achuun akka barbaachisuu fi lammiin hundi waardiyyaa nageenyaa ta’uu akka qabu ummataaf ergaa dabarsaniiru.

Comments (0)
Add Comment