Ayyaanni Damaraa duudhaa amantaa eegee akka kabajamu qophiin barbaachisu xumurame

Finfinnee, Fulbaana 13, 2017 (FBC) – Ayyaanni Damaraa Masqalaa duudhaa amantaa eegee akka kabajamu qophiin barbaachisu xumuramuu Biiroon Bulchiinsaf Nageenyaa magaalaa Finfinnee beeksise.
Biirichi kabaja ayyaanichaa ilaalchisee Abbootii Amantaa Ortodoksii Waloomaa waliin mari’ateera.
Ayyaanni Damaraa Masqalaa akkaataa duudhaa amantaa eegee fi nageenya mirkaneesseen akka kabajamu qooda fudhattoota waliin mariin taasiifamuu Hoggantuun Biiroo Bulchiinsaaf Nageenyaa magaalaa Finfinnee Aadde Liidiyaa Girmaan eeraniiru.
Ayyaanichi nagaan kabajamee akka xumuramu qophiin duraa barbaachisu hundi xumuramuu himaniiru.
Ayyaanni Damaraa Masqalaa sodaa nageenyaa malee akka kabajamu manneen amantaa magaalicha keessatti argaman waliin qindoominaan kan hojjetamu ta’uu Komishinarri Komishinii Poolisii Magaalaa Finfinnee Geetuu Argaaw eeraniiru.
Ayyaanicha akkaataa nageenyaa fi tokkummaa ibsuun akka kabajamu hordoftoonni amantichaa qaamolee nageenyaa waliin qindoominaan akka hojjetan abbootiin Amantaas waamicha dhiyeessuu ragaan Waajjira Kantibaa magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.
Comments (0)
Add Comment