Ayyaanni Daamaraa rakkoo nageenyaa malee akka kabajamu qophii ga’aan taasiifame – Humna Waloo Nageenyaa

Finfinnee, Fulbaana 8, 2016 (FBC) – Ayyaanni Daamaraa rakkoo nageenyaa malee karaa nagaan akka kabajamu qophii ga’aan taasiifamuu Humni Waloo Tikaa fi Nageenyaa beeksiise.
Qaamoleen nageenyaa karaa namuusa qabuun dirqama isaa akka bu’u qindoomaan hojjetamaa jiraachuu ibseera.

Humni Waloo Tikaa fi Nageenyaa kabaja ayyaana Daamaraa ilaalchisee abbootii qabeenya waliin marii taasiseera.

Miseensonni qaamolee nageenyaa hundi ergamaaf qophii akka ta’an hubannoo fi dirqamni laatamuufii Poolisii Federaalaatti Ajajaan Qajeelcha waliigalaa Ittisa Yakkaa Itti Aanaan Komishanaraa Jeneraal Malaakuu Faantaan eeraniiru.

Sirna kabaja ayyaanichaan ala ajandaalee hokkoraa fi jeequmsa kakaasan qabatanii argamuun dhorkaa ta’uu hubachiisaniiru.

Qaamolee kabaja ayyaanichaa jeequuf socho’anirratti tarkaanfiin seeraa kan fudhatamu ta’uu eeraniiru.

Hawaasni qaamolee nageenyaa waliin ta’uun tumsa barbaachisu akka taasiisu waamicha dhiyeessuu ragaan Poolisii Federaalaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment