Ayyaanni Daamaraa Masqalaa bakka abbootiin amantaa fi amantoonni argamanitti sirna ho’aan kabajameera

Finfinnee, Fulbaana 16, 2013 (FBC) – Ayyaanni Daamaraa Masqalaa bakka abbootiin amantaa fi amantoonni argamanitti sirna ho’aan kabajameera.
Ayyaanni Daamaraa Masqalaa bara 2013 bakka abbootiin amantaa fi amantoonni argamanitti sirna ho’aan magalaa Finfinnee Addabaabayii Masqalaatti kabajameera.
Mana amantaa Ortodooksi Tawaahdoo Ityoophiyaattin waggaan kan akabajamu ayyaanni daamaraa masqalaa Finfinnee addabaabayii masqalaatti kabajameera.
Ayyanicharratti Paatriyaarkiin Ortodooksii Ityoophiyaa Abuuna Maatiyaas, Preezdanti Saahilawarqi Zawdee, Ministira Dhimma Alaa Gadduu Andaargaachaw, Itti Aantuu Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Adaanach Abeebee, Ministira Galiiwwanii Laaqee Ayyaalaw, Ministira Aadaa fi turizimii Dooktar Hiruut Kaasaw, Dippilomaatootaa fi kutaaleen hawaasaa argamaniiru.
 
Ayyanicha Paatriyaarkiin Ortodooksii Ityoophiyaa Abuuna Maatiyaas kadatan eegalchiisaniiru.
Ayyaanichi haaluma walfakkatuun hordooftoota amantichaan guutuu biyyatti kabajameera.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment