Ayyaanni Daamaraa fi Irreechaa karaa nagaan akka kabajamu qaamni hundi qooda isaa ba’uu qaba jedhame

Finfinnee, Fulbaana 9, 2015 (FBC) –Kabajni Ayyaana Daamaraa fi Irreechaa karaa nagaan akka xumuramu dhaabbileen Tajaajilaa fi Bu’uuraalee misoomaa qindoominaan hojjechuu akka qaban ibsameera.

Sadarkaa itti aanaa kantibaatti hojii gaggeessaa olaanaan magaalaa Finfinnee Obbo Xiraatuu Bayyanaan ayyaannoonni kunneen duudhaalee amantaa fi aadaa eeguun akka kabajaman taasiisuuf qophiilee taasiifamaa jiran gamaaggamaniiru.

Gamaaggama kanarratti dameen tajaajilaa fi humna Elektirikaa magaalaa Finfinnee, abbaan Taayitaa daandiwwanii, Ejansiin Ittisa balaa Ibiddaa, Biiroon Misooma Magariisaa, Dizzaayinii fi hojiilee ijaarsaa, Biiroon Geejjibaa, Dhaabbilee Qalmaa fi kanneen biroo argamuun gabaasa dhiyeessaniiru.

Ayyaanoonni kunneen rakkoo nageenyaa tokko malee akka kabajaman hojiileen ayyaana bara haaraarratti hojjetaman akka muuxxannoo gaariitti fudhatamuu qabu jedhan Obbo Xiraatuun.

Hojiin qindoomina dhaabbilee kanneen hanga xumura kabaja ayyaanichaatti cimee itti fufuu akka qabu hubachiisuu ragaan Waajjira Kantibaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment