Ayyaanni Cuuphaa walitti dhufeenyaa hawaasa guddisuuf gahee olaanaa qaba-Obbo Aganyaawu Tashaagar

Finfinnee, Amajjii 10, 2016 (FBC)-Ayyaanni Cuuphaa duudhaa Amantichan cinaatti walitti dhufeenya hawaasaa guddisuuf gahee olaanaa qabaachuu Afyaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Aganyaawu Tashaagar ibsan.

Obbo Aganyaawu, hordoftoota Amantaa Kiristaanaan baga jala bultii (Kataraa) fi Ayyaana Cuuphaattiin isiin gahee jedhaniiru.

Ergaa isaaniin, Ayyaanni Cuuphaa duudhaa Amantichan alaatti walitti dhufeenya hawaasa guddisuuf gahee olaanaa qabaachuu ibsan.

Ayyaanichi cuuphaa duudhaa fi Aadaa amantichaan walitti hidhamuun bareedina, humna fi lubbuu kan ittu horuudha jedhan.

Fakkeenyi kanaas Ayyanni Cuuphaa jalqabee hanga xumuraatti nagaan akka xumuramuuf deeggarsi amantaaleen biroon taasisan Ayyaanni Cuuphaa Ayyana Amantaa ta’uu garasitti waliin jireeya hawaasummaa dagaagsuuf bu’uura ta’uu ibsan.

Waldanda’uu, waldeeggaruun cimee itti fufuunis tokkummaa biyyaalessaa fi eenyummaa sabdaneessummaaf gumaacha olaanaa taasisa jedhaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa #Cuuphaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment