Ayyaanni Cuuphaa sirna miidhagaan kabajamee xumuramuu Humni Waloo beeksise

Finfinnee, Amajjii 11, 2016 (FBC)- Ayyaanni Cuuphaa Sirna miidhagaan kabajamee xumuramuu Humni Waloo Tikaa fi Nageenya Biyyaalessaa beeksise.

Humnichi waloo ibsaa miidiyaaleef ergeen akka beeksisetti, hambaalee kiliyyaa Itiyoophiyaa UNESCO’tti galmaa’an keessaa Ayyaanni Cuuphaa, Finfinnee dabalatee sadarakaa biyyaalessaatti duudhaa amantaa isaa haalaa eeggateen miidhaginaan kabajamee xumurameera.

Qindoomina Abbootii amantaa, hirmaattotaa ayyaanichaa, qindeessitootaa fi qaamolee nageenyaan, ayyaanichi rakkoo tokko malee miidhaginaan kabajamuu ibseera.

Humnii Waloo Tikaa fi Nageenyaa Biyyaalessaa jala bultiirraa eegalee teeknooloojiin deeggaramuun, eegumsaa fi tumsa barbaachisaa taasisuun, aayyaanichi miidhaginaan akka kabajamuuf dhaabbilee fi hoggantoota qaamolee nageenyaa ga’umsaan dirqama isaanii bahatan galateeffateera.

Akkasumas abbootii amantaa, qindeessitoota ayyaanichaa, hirmaattoota ayyaanichaa tumsaa fi deeggarsa barbaachisaa taasisaniif galata dhiyeesseera.

Guyya borii ayyaanaa Qanaa Gaalilaa, akkuma har’aatti miidhaginaan akka kabajamuuf hawaasni tumsa fi deeggarsa barbaachisaa akka taasisu Humnichi Waloo waamicha dhiyeesseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment