Ayyaanni Cuuphaa Naannoo Tigraayitti kabajame

Finfinnee, Amajjii 11, 2015 (FBC)- Ayyaanni Cuuphaa naannoo Tigraay bakkoota garaagaraatti kabajameera.

Nageenyaa Naannoo Tigraayitti mirkanaa’aa jiru hordofee Ayyaanni Cuuphaa baranaa naannichaa bakkoota garaagaraatti haala hoo’aan kabajamuun eerameera.

Ayyaanni cuuphaa naannichatti sirna amantaa garasitti duudhaa isaa eeggatee kabajamuu itti fufeera.

Ayyaanichi qabeenya biyyaalessaa ta’uu cinaatti hambaa addunyaa ta’uun ‘UNESCO’tti galmaa’ee kan jiruudha.

Ayyaanichi guutuu biyyattiittii sirnaa amantaa fi duudhaa amantichaa eeggatee kabajamaa kan jiru yoo ta’u Naannoo Tigraayittis sirna ho’aan kabajamuu TOI gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment