Ayyaanni Cuuphaa maqaa gaarii biyya ijaaruu cinaatti faayidaa diinagdee kan qabudha-Aadde Adaanech

Finfinnee, Amajjii 10, 2016 (FBC)- Ayyaanni Cuuphaa maqaa gaarii biyya ijaaruu cinaatti faayidaa diinagdee kan qabu ta’uu Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfnnee Aadde Adaanech Abeebeen ibsan.

Aadde Adaanech ayyaana cuuphaa sababeeffachuun ergaa bagaa ittiin isin gahee dabarsaniin Ayyaanni Cuuphaa qabiyyee amantaan cinaatti duudhaa aadaa kan qabu fi addabaabayiitti bahamee ayyaanota kabajaman keessaa tokko jedhan.

Kana malees ayyaana walitti dhufeenya uummataa cimsu, hambaa biyyoolessaa Yuuneskootti galmaa’e ta’uun, tuuristoota hawwachuun maqaa gaarii biyyaa ijaaruu bira darbee faayidaa diinagdee kan qabu ayyaana guddaa ta’uu kaasan.

Magaalaa Finfinneetti iddoo bultii taabotaa 78’tti taabonni 267 bahuun ayyaanichi haala ho’aan akka kabajamuu eeraniiru.

Akkuma maqaa ishee miidhagina irratti kan argamtu Finfinneen gaaddisa Cuuphaa calaqqisiisaniin faayamuu himaniiru.

Daawwattoota biyya alaa Cuuphaaf gara Finfinnee dhufanis ta’ee keessummoota biroo naamusa Itoophiyaanummaan keessummeessuuf qophaa’uu ibsanii, ayyaanicha wayita kabajnu waliif yaaduun, waliin jireenya keenya cimsaa, jaalalaan, gammachuu fi nagaan akka ta’u dhaamaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment