Ayyaanni Cuuphaa faaya sabdaneessummaan addunyaarratti itti mul’anuudha-Obbo Fiqaaduu Tasammaa

Finfinnee, Amajjii 10, 2016 (FBC)- Ayyaanni Cuuphaa qabeenya Kiliyaa sonawwan nageenyaa fi waloomaa waliin jireenya keenya keessatti gabbifannee fi faaya sabdaneessummaan addunyaarratti itti mul’anuudha jedhan Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaan.

Obbo Fiqaaduu Tasammaan hordoftoota Amantii Kiristaanaa hundaan ergaa baga ittiin isin gahee dabarsaniiru.

Guutuu ergaa isaanii akka ittaanutti dhiyaateera.

Ayyaanni Cuuphaa galmee Addunyaarratti hambaa kiliyaa ta’ee kan galmaa’e, qabeenya keenya qaalii, madda kabaja biyyaa fi miidhaginaa ta’uu isaatiin turistoonni hedduu gara biyya keenyaa dhufanii ayyaanicharratti argamuudhan waggaa waggaadhaan qooda irratti fudhatu.

Kun ammoo sonawwan obolummaa, tokkummaa, walii yaaduu fi faayamni mallattoo heddumminaa keenya ta’e addunyaarratti ifee akka mul’atuuf carraa gaarii ummee jira.

Waan ta’eefis, ayyaanni Cuuphaa ayyaana kabajamaa fi guddaa ta’uu isaatin dudhaawwan qabnu kan ittiin wal jijjiirru, wal danda’uudhan hundi keenya kan irratti qooda fudhannu, akkasumas tokkummaa fi waloominni keenya kan ittiin jabaatu ta’ee kabajamuu qaba.

Ayyaanni Cuuphaa wayita kabajamu faayamni heddumina keenya keessatti mul’atu agarsiiftuu tokkummaa sabdaneessaa ta’uu isaatiin alatti sonaa fi dudhaawwan qabnu kan ittiin wal jijjiirru, wal danda’uudhan hundi keenya kan irratti qooda fudhannu, akkasumas tokkummaa fi waloominni keenya kan ittiin jabaatudha.

Uummanni keenyaa wayita ayyaanicha kabajatu humnoota farreen nageenyaa calaqqee ayyaanichaa fi barsiifata amantichaa xiqqeessu fi xureessuf socha’an irraa of qusachuun nageenya naannoo ofii eegsisuuf qaamolee nageenyaa faana dhaabbachuun ayyaanicha jaalalaa fi waliif yaadudhaan akka kabajatu jechaa ayyaanichi kan nagaa fi jaalalaa, tokkummaa fi obbolummaa, kan hawwii keenya itti dhugoomfannu, gamtoomina keenyas itti jabeeffannu akka nuuf ta’u hawwiin qabu ibsuun barbaada.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment