Ayyaanni bara haaraan Daawuroo Kooyishaa Gaatii Gaatsawaatti kabajame

Finfinnee, Qaammee 1, 2013 (FBC)-Ayyaanni bara haaraan Daawuroo “Tokkii Ba’aa” Kooyishaa Gaatii Gaatsawaatti qophiiwwan garagaraan kabajameera.

Hambaawwan seena jiran misoomsun fayyadamummaa diinagdeef oolchuuf carraaqqiwwan jalqabaman itti fufsiisuun barbaachisaa ta’uu bulchinsi Godina Daawuroo beeksiseera.

Ayyaanni barri haaraan Daawuroo bara kanaa gooticha raayyaa Ittisa Biyyaa birmadummaa biyyaa kabachiisuuf aarsaa kanfalaa jiru yaadachuun akka ta’uufi giddugaloonni mootiwwan duraanii 16, umrii waggaa 450 ol lakkoofsisan Godinichatti deebisanii misoomsuf kan kayyeeffate ta’uun himameera.

Bulchaan Godina Daawuroo Obbo Taklee Bazzabbih ayyaana,hambaafi seenaa ibsitu sabichaa ta’ee kana daran bu’uura ummataa akka qabaatu gochuun diinagdee damicharraa argamu dabaluuf bulchinsi godinichaa xiyyeeffannaan hojjechaa jira jedhan.

Sagantaa kanarratti caasaan bulchinsa magaaloota lamaafi aanaalee 10 akkasumas hooggantoonni hojii godinichaa,ogeeyyiinfi kutaaleen hawaasa garagaraa argamaniiru jechuun Dhaabbanni Raadiyoofi TV Kibbaa gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

Comments (0)
Add Comment