Ayyaanni bara haaraa Walaayittaa Yoo Yoo Gifaataan kabajamaa jira

Finfinnee, Fulbaana 13, 2016 (FBC) – Ayyaanni bara haaraa Walaayittaa ‘Yoo Yoo Gifaataan’ magaalaa Walaayittaa Sooddootti kabajamaa jira.

Ministira Ministeera Aadaa fi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaa dabalatee hoggantoonni mootummaa, abbootiin amantaa, jaarsoliin biyyaa fi kutaaleen hawaasaa bakka argamanitti sagantaalee garaagaraan kabajamaa jira.

Ayyaanichi ayyaana jaalalaa, tokkummaa, waldanda’uu, gammachuu fi nageenyaa akka ta’u jaarsoliin biyyaa hawwuu ragaan Waajjira Kominikeeshinii godinichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment