Ayyaanni bara haaraa Walaayittaa Giiftaan kabajamaa jira

Finfinnee, Fulbaana 15, 2014 (FBC) – Ayyaanni jijjiirraa bara haaraa saba Walaayittaa Giiftaan magaalaa Sooddootti kabajamaa jiraachuu ibsameera.
Ayyaannichi Siimpooziyeemii Aadaa, Afaanii fi Seenaa saba Walaayittaa qopheessuun kabajamaa jira jedhame.
Sirna kabaja ayyaanichaa galmee idil addunyaarratti galmeessiisuuf Yuunvarsiitii Walaayittaa dabalatee dhaabbilee garaagaraa waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu Bulchaan Godina Walaayittaa Dooktar Indiriiyaas Geetaanaa ibsaniiru.
Barreeffamni Qorannoo seenaa ayyaana Giiftaarratti xiyyeeffate dhiyaachuun bal’inaan irratti mari’atamuu himameera.
Sirna kabaja ayyaannicharratti Ministira Ministeera Saayinsii fi Dhaabbilee barnootaa olaanoo Dooktar Saamu’eel Urqaattoo dabalatee hoggantoonni olaanoon mootummaa naannoo Kibbaa fi godina Walaayittaa argamuu eerameera.
Xilahuun Huseentu gabaase.
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment