Ayyaanni bara haaraa nagaan xumuramuu Humni Waloo Tikaa fi Nageenyaa beeksise

Finfinnee, Fulbaana 2, 2015 (FBC) – Ayyaanni jijjiirama bara 2015 rakkoo nageenyaa tokko malee nagaan kabajamee xumuramuu Humni Waloo Tikaa fi Nageenya Biyyaalessaa beeksiseera.

Ayyaanichi nagaan akka xumuramuuf qaamoleen nageenyaa eegumsarratti bobba’an, ofii isaaniirra ummata dursuun ergama biyyaalessaa itti kenname ga’umsaan bahachuun galma yaadame milkeessuu ibsuun galateeffateera.

Humni Waloo kun ibsa kenneen ayyaanichi nagaan eegalee nagaan akka xumuramuuf ummannis gumaacha taasiseef galteeffachuun, fuuldurattis, taateewwaan amantaa, ummataa fi mootummaa gaggeeffamuuf jiran yaaddoo nageenyaa tokko malee akka kabajamaniif hawaasni tumsa taasisu cimsee akka itti fufu waamichaa dhiyeessuu ragaan Poolisii Federaalaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment