Finfinnee, Amajjii 1, 2014 (FBC) – Ayyaanni bara haaraa Halaabaa sirnootaa fi agarsiisa garaagaraan kabajamaa jira.
Ayyaannichi eenyummaa sabichaa beeksiisuu, dhimmoota hawaasaa, diinagdee fi siyaasaa sabichaa ummattoota biroof beeksiisuuf faayidaa qabaachuu ibsameera.
Ayyaanni bara haaraa saba Halaabaa kun akkaatuma Siimpooziiyeemiin akka kabajamu murtaa’een nyaanni fi uffataalee aadaan sabichaa agarsiisaf dhiyaachaa jira jedhame.
Sirni kabaja ayyaannichaa Yuuneksoorratti akka galmaa’u tattaaffiin taasiifamaa jiraachuu Bulchaan Godinichaa Dooktar Mahaammad Nuuriyyeen ibsaniiru.
Ayyaanichi bara baraan sadarkaa aanaaleetti kan kabajamu yoo ta’u, sadarkaa Godinaatti ammoo waggoota lama lamaan sirnoota garaagaraan ni kabajama jedhame.
Xilahuun Yilmaatu gabaase.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.