Ayyaanni Arafaa waggaa 1442ffaan magaalaa Jigjigaatti sirna hoo’aa ta’een kabajame

Finfinnee, Adooleessa 13, 2013 (FBC) – Ayyaanni Iid Al Adahaa Arafaan waggaa 1442ffaan magaalaa Jigjigaatti sirna hoo’aa ta’een kabajameera.
Sirna kanarratti itti aanaa Preezdaantii naannoo Somaalee obbo Musxafee Mahaammad, itti gaafatamaa waajjira Paartii Badhaadhinaa naannichaa Injiinar Mahaammad Shaaleen dabalatee hoggantoonni olaanoon naannichaa fi hordoftoonni amantaa Islaamaa hedduun argamaniiru.
Obbo Musxafeen hawaasa musiliimaa maraan baga geessan jedhaniiru.
Ayyaanni Arafaa bara kanaa wayita guutinsi bishaan Hidha Haaromsaa marsaa 2ffaan milkiin xumurametti kabajamuun gammachuu isaanii dachaa kan taasiisu ta’uu namoonni sirna kabaja ayyaannichaarratti argaman ibsuu isaanii miidiyaan naannichaa gabaaseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment