Finfinnee, Gurraandhala 19, 2013 (FBC)- Ayyaanni injifannoo Adwaa 125ffaan magaalaa Jigjigaatti sirnoota garaagaraatin kabajameera.
Sirnicharrtti itti aanaa preezdaantii naannoo Somaalee obbo Musxafee Mahaammadaa ayyaanni Adwaa fakkeenya tokkummaa fi waliin jireenya ummattoota Ityoophiyaa ta’uu ibsaniiru.
Akkasumaas ayyaanichi magaalaa Baahir Daaritti bakka Ministirri Ministeera Nageenyaa aadde Mufariyaat Kaamiil dabalatee hoggantoonni biroon argamanitti sintoota adda addaatin kabajameera.
Aadde Mufariyaat ayyaanni injifannoo Adwaa ayyaana qofa osoo hin taanee madda injifannoo fi kaka’umsa ta’u ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.