Finfinnee, Gurraandhala 19, 2013 (FBC) – Ayyaanni Adwaa 125ffaan naannolee hundatti akka kabajamu hojiin hojjetame bu’aa qabeessa kan ture ta’uu Ministeerri Aadaa fi Tuuriizimii beeksiseera.
Kabaja ayyaanaa Adwaa ilaalchisee Ministirri Ministeera Aadaa fi Tuuriizimii Dooktar Hiruut Kaasaw ibsa laataniiru.
Kabajni Ayyaana Adwaa bara kanaa hawaasni hundi Adwaan seenaa kooti hubannoo jedhu akka qabaatu carraa kan uumeedha jedhan Dooktar Hiruut.
Hanga ammaatti ayyaanichi hanga sadarkaa aanaatti akka kabajamu taasiifamuu eeraniiru.
Ayyaanichi akka biyyaatti Gurraandha 19-23, 2013 magaalaa Finfinneetti agarsiisa Fakkii fi bobbocaa, Suuraa, fiigicha daandiirraan kan kabajamu ta’uu dubbataniiru.
Dabalataan Ti’aatirri ayyaanicha ibsu, marii paanaalii ‘seenaa Adwaa ija hayyootaan’ jedhuun Godaambaa Biyyaalessaa, Ti’aatira Biyyaalessaa, Paarkii michummaa Kuubaa, Paarkii Tokkummaa fi Michummaattin ni gaggeeffama jechuu isaanii ragaan Ministeera Aadaa fi Tuuriizimiirraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.