Ayyaannaaf tajaajila qalmaa fayyummaan isaa eegame kennuuf qophiin taasifamuun ibsame

Finfinnee, Mudde 23, 2016 (FBC)- Ayyaanna Qilleef tajaajila qalmaa fayyummaan isaa eegame kennuuf qophii xumuruu Dhaabbannii Qeeraawwanii Magaalaa Finfinnee beeksise.

Hoji Gaggeessaan Dhaabbatichaa Obbo Siisaay Indiriis, ayyaanaaf dhiyeessii foonii ilaalchisuun Koomishinii Misoomaa Qonnaa fi Qonnaan Bultoota Magaalaa Finfinnee akkasumas, Waldaalee Daldaltoota Foonii Magaalatti waliin ta’uun ibsa kenneera.

Ibsichaanis, sangoonni kuma 3, re’ee fi hoolonni kuma 5 dhiyeessuu fooniif qophaa’u ibsaniiru.

Waliingahiinsa dhiyeessii fooniif konkolaattonnii fi hojjettoonni gahaan qophii ta’uu eeruun, dhaabbatichi tajaajila qalmaa fayyumaan isaa eegamee kennuuf qophii taasisuu ibsuu TOI gabaaseera.

Koomishinii Misooma Qonnaa fi Qonnaan Bultootaa Magaalaa Finfinneetti Qindeessaan Qorannoo Foonii Dookytar Kabbabaa Erbeetuu gama isaaniin, beeyladoota qalamaa hawaasaaf dhiyeessuuf qorannoon fayyaa barbaachisaan taasifamuu dubbataniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment