Ayyaani Irreecha Hora Finfinneefi Hora harsadee Fulbaana 21fi 22 kabajama jedhame

Finfinnee, Fulbaana 10, 2015(FBC)-  Ayyaani Irreecha Hora Finfinneefi Hora harsadee fulbaana 21fi 22 akka kabajamu Gamtaan Abbotii Gadaa Oromoo beeksise.

Gamtichi har’a magaalaa Adaamaatti Ibsa midiyaaleef kenneen  Irreechi Hora Finfinnee Fulbaana 21 kan Hora Harsadee ammoo  Fulbaana 22 kan kabajamuu ta’un ibseera.

Ayyaanichi karaa nagaafi midhagina qabuun akka gaggeeffamu qaamolee qooda fudhatootaa waliin ta’uun qophiin gahaan taasifamuu Barreessaan Gamtichaa Abbaa Gadaa Goobana Hoolaa himaniiru.

Kabajni Ayyaanichaa karaa sirnaafi dudhaa isaa eeggateen akka ta’uu Oromootni gutuu adunyaarraa hirmaatan faaya,uffannaafi meeshaalee aadaan fayamuun akka hirmaatan dura taa’aan gamtaa Abbootii Gadaa Oromoo Jiloo Maandhoo gaafataniiru.

Irrechi Ayyaana galataa, tokkumaafi aadaan Oromoo itti callaqqisifamuu waan ta’eef hirmaatotni waan ayyaanicha bakka hin bunee qabattanii gara iddoo kabaja ayyaanichaatti dhufurraa akka of eggatuus akeekaniiru.

Sirnichi karaa milkaa’een akka xumuramuu qaamoleen hawaasaa hundi akka tumsan miseensonni gamtichaa gaafataniiru.

Barri 2015 bara rakkoleen mudatan tokkumaafi wal dhaggeettin furamu akka ta’us hawwii qaban ibsaniiru.

Muluu Waaqshuumeetu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment