Ayyaanatti hanqinni dhiyeessii oomishaalee akka hinmudanneef hojjetamaa jira-BDO

Finfinnee, Hagayya 28, 2016 (FBC)-Ayyaana waggaatti hanqinni dhiyeessii oomishaalee garaagaraa akka hinmudanneef hojjetamaa jiraachuu Biiroon Daldalaa Oromiyaa beeksise.

Ayyaanichaaf rakkoon dhiyeessi oomishaalee bu’uuraa akka hin mudanneef qaamolee garaagaraa waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu Hogganaa Ittaanaa fi Itti Gaafatamaan Damee Misooma Gabaa Biiroo Daldalaa Oromiyaa Obbo Kiflee Taaddasaan Faanaa Biiroodkastingi Korporeetiif ibsaniiru.

Biirichi gabaa ayyaana tasgabbeessuuf xiyyeeffannoo olaanaan hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.

Warshaalee ,Waldaalee Hojii Gamtaa fi Yuuniyeenoota waliin qindaa’uun omishaaleen bu’uuraa ummataaf akka dhiyaatan taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.

Godinaalee Naannoo Oromiyaa hundatti gabaan Sanbataa 378 oomishaalee bu’uuraa dhiyeessaa jiraachuu kaasaniiru.

Zayinni nyaataa Liitirri miiliyoona 1.9 dhiyaachuu kaasuun gama dhiyeessii kuduraalee fi muduraalee akkasumas beeyladoota fi bu’aalee beeyladoota hanqinni akka hinjirre ibsaniiru.

Ayyaanaan walqabatee daballiin gatii hinmalle fi daldalli seeraan akka hinuumamneef to’annoo fi hordoffiin Ministeera Daldalaa fi Walitti hidhamiinsaa akkasumas qaamolee dhimmichi ilaallatu biroo waliin hojjetamaa jiraachuu akeekaniiru.

Daldaltoota daballii gatii hinmallee taasisanirrattis tarkaaffiin seeraa fi bulchiinsaa kan fudhatamu ta’uu Obbo Kifleen hubachiisaniiru.

Tsahaay Gulummaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment