Ayyaanatti addaan ciccitiinsi elektirikii fi rakkoon bishaanii akka hinmudanneef koreen qindaa’e hundaa’e

Finfinnee, Mudde 26, 2015 (FBC)- Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti Ayyaana Qilleen walqabatee Addaan ciccittiinsi humna elektirikii fi rakkoon bishaanii akka hinmudanne koreen qindaa’aan hundaa’e hojii eegaluu Waajjirri Hoji Gaggeessa Bulchiinsa Magaalichaa ibse.

Waajjirichatti Ittaanaan Hoji Gaggeessaa Obbo Taarraqanyi Warqnee ibsa kennaniin, Sanbata dhufu kan kabajamu Ayyaana Qilleetti dhaabbilee kenniinsa tajaajilaa jiraattotaaf tajaajila qindaa’aa akka dhiyeessan qophiin xumuramuu dubbataniiru.

Keessumaa addaa ciccittiinsa humna elektirikii fi rakkoon bishaanii akka hinmudanneef qophiin taasifamuu eeranii, koreen qindaa’an hundaa’ee hojii eegaluus himaniiru.

Tajaajiloota kanneen rakkoon yoo mudates deebii hatattamaa kennuuf qophiin barbaachisu taasifameera jedhan.

Hawaasnis balaan ibiddaa akka hinmudanne eeggannoo taasisuu akka qabu hubachiisanii, balaan yoo mudateef, deebii kennuuf waajjirri olaanaa hoggansa sodaa balaa fi ibiddaa fi dameeleen isaa saglan qophii taasisuu dubbataniiru.

Dhaabbanni Tajaajila Qalmaa Finfinnees ayyaanichatti foon fayyaalessa dhiyeessuuf qophii taasisuu ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment