Ayyaanaf hanqinni dhiyeesssi akka hin mudanne hojjetamaa jiraachuun ibsame

Finfinnee, Ebla 17, 2016 (FBC) – Ayyaana Sooma Hiikaan wal qabatee hanqina dhiyeessii oomishaalee muudachuu maluufi qaala’insa gabaa tasgabbeessuuf hojjetamaa jiraachuu Biiroon Daldala Oromiyaa beeksise.
Biirichi ayyaana Sooma Hiikaa sababeeffachuun hanqinni dhiyeessii akka hin uumamne qooda fudhattoota waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu Itti Aanaa Hoogganaan Biirichaa Obbo Tasfaayee Gashoo dubbataniiru.
Ayyaana Sooma hiikaafis Godinaalee fi Magaalota Oromiyaa hunda keessatti midhaan gosa garaa garaa, meeshaalee bu’uuraa, kuduraa fi muduraa, beelladoota qalamaa, bu’aawwan Indaastirii fi beelladaa dhiyeessuuf hojjetamaa jiraachuu Obbo Tasfaayeen kaasaniiru.
Bu’uuruma kanaan waliigala midhaan gosa adda addaa kuntaala kuma 138fi 410, sukkaara kuntaala kuma 20 fi 400 dhiyeessuuf hojjetamaa jiraachuu eeruun, inisheetiivii bu’aa qonna magaalaa kan ta’ee lukkuu miiliyoona 2 olii fi killee miiliyoona 10 ol kan dhiyaatu ta’u ibsaniiru.
Dabalataan Loon qalmaa kuma 118 fi 500, Hoolota kuma 217, Re’oota kuma 164 fi 500 waliigala horii qalmaa kuma 500ol dhiyeessuuf qindoominaan hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Kuduraafi muduraa gosa garaa garaa waliigala kuntaala kuma 150 ol dhiyeessuuf waldaa hojii gamtaa waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuus eeraaniiru.
Meeshaalee bu’uuraa mootummaan dhiyeessu cinattii sukkaaraa fi zayitaa dhaabbilee fichiisiistoota waliin walitti hidhaminsa gabaa uumuun, gabaa sanbataa akka naannoo Oromiyaatti hundaa’aan 282 irraatti dhiyeessuuf hojjetamaa jiraachuu ragaan Biiroo Kominikeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
Comments (0)
Add Comment