Finfinnee, Guraandhala 20, 2016 (FBC) – Ayyaana Yaadannoo Injifannoo Adwaa 128ffaa kabajuuf qophiin barbaachisu xumuramuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksiiseera.
Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa haala yeroo ilaalchisee ibsee kenneera.
Ayyaana Yaadannoo Injifannoo Adwaa waggaa 128ffaa Guraandhala 23, 2016 kabajamuuf qophiin barbaachisu xumuramuu ibseera.
Ayyaannicha akka biyyaatti Gola Hambaa Yaadannoo Injifannoo Adwaa keessatti kan kabajamu ta’uu Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Salamaawiit kaasaan himaniiru.
Kabaja ayyaanichaa Ministeerri Raayyaa Ittisaa Olaantummaan kan hogganu ta’uu kaasaniiru.
Ayyaannichi sadarkaa biyyaalessaa hanga naannootti kan kabajamu ta’uu Salamaawiit Kaasan ibsaniiru.