Ayyaana waggaaf dhiyeessiin omishaalee bu’uuraa bal’aan akka jiru biirichi beeksise

Finfinnee, Hagayya 28, 2016 (FBC)- Ayyaana waggaaf dhiyeessiin omishalee bu’uuraa bal’aan akka jiru Biiroon Daldalaa Magaalaa Finfinnee beeksise.

Hoggantuun Biirichaa Habiibaa Siraaj akka jedhanitti, bu’aalee qonnaa, beeyladaa fi indaastirii gahaa dhiyeessuuf qophiin xumurameera.

Gabaan Dilbataa fi giddugaloonni gabaa hanga ayyaanaatti omishaalee barbaachisaa bal’inaan kan dhiyeessan ta’uu dubbataniiru.

Ayyaanicha sababeeffachuun oomishaaleen akka hindhokfamnee fi daballiin gatii hinmalle akka hintaasifamneef to’annoo cimaan akka taasifamu himaniiru.

Qiddisti Abaateetu gabaase
Suurri: faayila

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment