Finfinnee, Mudde 21, 2017 (FMC) – Ayyaana Qilleefi Cuuphaaf hanqinni dhiyeessii oomishaalee garaa garaa akka hin uumamne hojjetamaa jiraachuu Biiroon Daldalaa Oromiyaa.
Biirichi hanqinni dhiyeessii oomishaalee garaa garaa akka hin mudanneefi qaala’iinsi gatii akka hin uumamne qooda fudhattoota waliin ta’uun hojjetaa jiraachuu himeera.
Ayyaanoonni uummataa wayita dhiyaatanitti hanqinni dhiyeessii oomishaalee sababa garaa garaatiin mudachuu danda’u hambisuuf xiyyeeffannaa addaan hojjetamaa jiraachuu ibseera.
Biirichi Ayyaanni wayita dhufu hanqinni dhiyeessii sababa garaa garaatiin uumamuun qaala’iinsi gabaa akka hin mudanneefi ummanni karaa tasgaabbaa’een ayyaanicha akka dabarsu taasisuuf qooda fudhattoota waliin qindoominaan hojjechaa jiraachu Itti Aanaa Hogganaa Biiroo Daldalaa Oromiyaa Obbo Tasfaayee Gashoon ibsaniiru.
Bu’uuruma kanaan, Ayyaana Qilleefi Cuuphaa fuuldura keenya dhufaa jiraniin wal qabatee hanqina dhiyeessii oomishaalee garaa garaa uumamuu malu furuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Biiriichi ayyaana Qilleefi Cuuphaa sababeeffachuun hanqinni dhiyeessii akka hin mudanne qooda fudhattoota waliiniis qindoominaan hojjechaa jira jedhan.
Ayyaanota kanaaf Godinaaleefi Magaalota Oromiyaa hunda keessatti midhaan gosa garaa garaa, meeshaalee bu’uuraa zayitiifi sukkaara, kuduraafi muduraa, bu’aawwan Indaastirii, beelladaafi bu’aawwan beelladaa dhiyeessuun qaala’iinsi gabaa yeroo ayyaanota kanaa akka hin uumamneef dursanii irratti hojjetamaa jiraachuu Obbo Tasfaayeen dubbataniiru.
Gabaa sanbataa naannoo keenya keessatti hundeeffaman 442 hunda irratti qonnaan bultoonnii fi oomishtoonni oomisha qonnaa kan akka kuduraaf muduraa, midhaan nyaataafi oomishaalee indaastirii gahaa ta’e akka dhiyeessaniif caasaa sadarkaan jiru hirmaachisuun hojjetamaa akka jiruus eeraniiru.
Gabaa ayyaanaa kanaafis walitti hidhamiinsi gabaa uumamaa jiraachuus kaasaniiru.
Haaluma kanaan ayyaanoota kanaaf midhaan gosa adda addaa kuntaala kuma 100fi kuma 22fi 695, beellada dhaabbii horii maalaa kuma 500 ol, re’oota kuma 300 kuma 36fi 149, hoolota kuma 200 kuma 77fi 632, lukkuu miliyoona 9 fi killee miiliyoona 30 akkasumas damma toonii kuma 1fi 852 gabaaf akka dhiyaatu qindoominaan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Zaayitaa Nyaataa immoo liitira miliyoona 10 oliifi daakuu qamadii kuntaala kuma 72 ol ta’u gabaa aayyaana kanaaf walitti hidhaminsii dhiyeessitootaafi warshaalee waliin kan raawwatamu ta’uus ibsaniiru.
Walumaa galattii hawaasnii dhiyeesiin oomishaalee garaa garaa gahaan jiraachuu isaa hubachuun karaa tasgabbii qabuun bitachuun ayyaanicha akka dabarsu Obbo Tasfaayeen dhaamuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia