Finfinnee, Muddee 28, 2014 (FBC)- Ayyaana Qillee yaaddoo nageenyaa tokko malee akka kabajamuuf kutannoon hojjetamaa jiraachuu Komishiniin Poolisii Federaalaa beeksise.
Ayyaanichi hordoftoonni amantichaa hariiroo isaanii kan itti jabeessan, duudhaalee amantaa isaanii kan ittiin guddisan, waldanda’uu fi wal kabajuun waliin jiraachuu fi waliin hojjechuu uummatatti kan ittiin argisiisan ta’uu ibsameera.
Duula seera kabachiisuun garee shororkeessaa ABUT fi ergamtoota isaa gatii harka isaanii akka argatan taasisuun danda’amuu ibsichaan eerameera.
Duula tokkummaa sabdaneessaa Muummee Ministiraa Abiy Ahimad hoggananiin garee shororkeessaa fi ergamtoota isaa addabbii cimaa adabuun bakkeewwan weeraraan qabatee ture gadhiisisuun danda’amuu ibsameera.
Poolisiin federaalaa qabsoo adda waraanaatti taasiseen cinaatti bakkeewwan gareen shororkeessaa kun gadhiisee ba’etti hojii uummata tasgabeessuu fi deebisanii dhaabuu hojjechaa jiraachuu ibseera.
Magaalaa Finfinnee fi bakkeewwan birootti hojiilee nageenyaa hedduu hojjechaa jiraachuu kaaseera.
Haaluma kanaan ayyaanni kun yaaddoo nageenyaa tokko malee akka kabajamuuf poolisiin halkanii guyyaa nan dadhabe osoo hin jedhiin kutannoon ergama isaa ba’achaa jiraachuu ibseera.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.