Ayyaana Qillee sababeeffachuun guyyaa boruu lammiilee harka qalleeyyii kuma 85 oliif deeggarsi ni taasiifama – BMF

Finfinnee, Mudde 26, 2015 (FBC) – Ayyaana Qillee sababeeffachuun guyyaa boruu lammiilee harka qalleeyyii kuma 85 oliif deeggarsi garaagaraa kan taasiifamu ta’uu Bulchiinsi magaalaa Finfinnee beeksiise.

Boru kutaalee magaalichaa hundatti hojiin maaddii qooddachuu kan gaggeeffamu ta’uu Komishinarri Komishiinii Qindeessaa Hirmaannaa Ummataa fi Hojii Tola Ooltummaa magaalaa Finfinnee Abrahaam Taaddasaan isbaniiru.

Meeshaaleen Birrii miiliyoona 291 olitti tilmaamaman kutaalee hawaasa harka qalleeyyiif kan qoodamu ta’uu Abrahaam ibsaniiru.

Meeshaaleen nyaataa, Sangaan, Hoolaan, Lukkuu fi Killeen hawaasa harka qalleeyyii kutaalee magaalaa fi aanaalee magaalaa Finfinnee hunda keessatti argamaniif bifa walfakkaatuun kan laatamu ta’uu Komishinar Abrahaam dubbachuu isaanii ragaan Waajjira Kantibaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment